Posts

WARAANA BILISUMMAA OROMOO (WBO)

Image
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan yeroo baay’ee mootummaa Itoophiyaatiin Shanee (yookiin ABO-Shanee) jedhamee waamamu garee hidhate kan saba-boonummaa (ethno-nationalist) yoo ta’u, irra caalaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’a. Kunooti ibsa gabaabaa waa’ee eenyummaa isaanii, hundeeffama, fi haala qabatamaa jalqaba bara 2026 irratti qaban: 1. Hundeeffamaa fi Adda Bahuu (2018) WBO’n jalqaba irratti kooluu waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ture; kunis paartii siyaasaa bara 1970-oota keessa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo (saba baay’inaan Itoophiyaa keessatti guddaa ta’e) kabachiisuuf hundeeffamedha. Adda Bahuu: Bara 2018, mootummaan federaalaa Itoophiyaa (kan Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiin hogganamu) hoggansa ABO wajjin waliigaltee nagaa mallatteessuun, baqattummaa irraa deebi’anii qabsoo siyaasaa nagaa akka godhan waliigalan. Garaagarummaa Uumame: Hoggansi ABO meeshaa hiikkachuufi akka paartii siyaasaatti galmaa’uuf yoo waliigalu, gareen kooluu waraana...

Marii Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroofi Itti Aanaa Ajajaa ABO-WBO Jaal Gammachuu

Ajajaan olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaafi Itti aanaan ajajaa ABO-WBO Gammachuu Abbooyyee mootummaan rakkoo uummanni keessa jiruufi waldhabdeen siyaasaa jiru karaa nagaan akka hiikamuuf fedhiifi akeeka akka hin qabne ibsan. Marii araaraa marsaa 2ffaa Tanzaaniyaa Daar ees salaam irratti geggeeffame irratti nuti wareegamnee deebii Oromoon barbaadu ni argama jennee  rakkoofi tarkaanfii guddaa ofirratti fudhachuun dirree qabsootii baanee qilleensa mootummaan  to'atu keessa darbinee Tanzaaniyaa Daar ees Salam deemne jedhan. Gareen mootummaa immoo rakkoo siyaasaaf marii siyaasaa taasisuu dhiisuun faayidaan nu sossobuuf yaalii taasisaa turan jechuun af gaaffii kaleessaa Arraata biyyoolessa Oromiyaa irratti taasisaniin ibsanii jiru. Dhimma araaraaf qaamoleen gidduu keenya turan waggoota lamaa oliif nu gidduu deddeemaa turan kan jedhan ajajoonni kunneen, osoo mariin araaraa hin eegaliin dura Jeneevaatti mariin taasifamaa erga turee booda nu bira ga'ame jedhan. Nutis rakkoo uummanni kees...

Oromo Liberation Front Statement

Image

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Waraanni paartii Biltsiginnaa Itiyoophiyaa keessatti dhiiga ummatootaa dhangalaasuun lubbuu dheereffatuu amaleeffate ammas tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhateera. Akka kanaan asuma Finfinneetti dhihoo kan taate giddu-gala Oromiyaa Godinoota Kibba-lixa Shaggarii fi Salaalee akkasumas Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti dhukaasa irraa jalaan xiyyara nama-maleessa (Dirone), dabalatee boombii summii fe’atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii jiru. Kaan madoo fi fayya-dhabeeyyii taasisaniiru; manneen ummataas gubaniiru. Tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhataniinis, Amajjii 21, 2024 Giddu-gala Oromiyaa Godina Salaalee Yaayyaa Haroo ganda Qindoo Agamsootti dhukaasa ummata nagaa irratti banani...

WBOn Duratti!

Lolli Itti fufe! #Lixa Shaggar (Dirree Hincinni, Miyo, Tullu Boolloo, Tole, Sadan Soddoo, Taji, Abeebee, Darraa, Gabra Guraacha, Warra Jaarsoo, Hambisoo; Ada'aa Bargaa, Shukutee, Jalduu, Boosat); Gujii (Galaan, Dugda Dawaa, Bulee Horaa, Sabbaa Boruu);  #Wallagga (Mandii, Dambidoolloo, Gimbii, Sasiggaa, Anfilloo, Gawoo Qeebbee, Kombolcha, Daduu, Gabatee, Waatiyoo ): #Baale (Gobba, Barbaree, Diinshoo );  #Arsii (Heeban, Martii, Sirkaa, Asakoo); #Bunnoo Baddallee (Makko, Dabio): #Boorana (Moyyaale, ); #Harargee (Ciroo, ); #Walloo (Kamisee, ) keessati tarkaanfilen fudhatamanii injifannooleen gurguddoo galmeeffamaniijiru. Gama ijaarsaan Oromoon biyya ambaa keessa jiru qabsoo isaa gargaaruuf gulantaa gulantaan wal ijaaree sosso'uun hojii nama boonsu ta'ee jira. Haga ammaati sadarkaa idil-addunyaatti, Godinoota Awurooppaa, Kanaadaa, USA, Awustraaliyaa, Eeshiyaa fi Giddu Gala Baha, fi Afrikaa ijaaramanii jiru. Godinoota kana jalattis Gamtaaleen 19 ijaaramanii jiru. Gamtaalee 19 jal...

Af Gaaffii Obbo Taayyee Danda'aa

Obbo Taayyee Danda’aa Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa yoo ta’an, dhimmoota siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi biyyaa irratti ilaalchaa fi ejjennoo isaanii karaa miidiyaa hawaasummaatiin qooduun beekamu. Isaan Paartii biyya bulchaa jiru, Badhaadhina keessattis miseensa koree hoji raawwachiistuu yoo tahan, haala naannoon Oromiyaa fi biyyi keessa jirtu irratti dhaabuma isaanii kana qeequ. Waadaa jijjjiirama siyaasaa waggaa shan duraa irratti seename, haala naannoo Oromiyaa keessa jiru, marii mootummaa fi WBO, miidhaa maatii fi firootasaarra gahe, ergaawwan ministira Muummeetti qaamaan haala qabatamaa Oromiyaa himaniifi kanneen biroo irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii bal’aa taasisan. Maddi rakkoo amma Oromiyaatti mudate mooraan siyaasaa Oromoo diigamuudha Bara 2018 yeroo jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufee Oromoon aangoo biyyattii isa olaanaatti dhufe, yeroo abdiin badhaadhinaa fi dimokiraasii itti ifee mul’ate ture jedhu Obbo Taayyeen. “Gammachuu guddaatu ture. Kan namni abd...

ODEESSAALEE SADAASA 10,2023

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni maafi’aa bilxiginnaa torbee darbe keessa bobbaafaman kun jiraattota  aanaa Anfilloo fi Yemaaloogii Walal 2 gubanii ajjeesuun tokko madaa’ee hafe. Aanaa Anfilloo ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamee beekamutti tiksitootni barcuma Abiy Ahimad jiraataa ganduma Fandachaa nama maqaan isaa Daani’el Dassaalee Garasuu  fi jiraataa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Daallee Saasii kan ta’e nama maqaan isaa Amaanee Kibiratuu jedhamu ganduma Daallee Saasii keessatti gubanii kan ajjeesan yoo ta’u,  ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamutti namni isaan guban Paawuloos Tafarii kan jedhamu gubatee hafuun yeroo ammaa hospitaala Dambii Doollootti yaalamaa jiraachuu jiraattotni kun dubbatan. Kun kanaan osoo jiruu aanaa Gidaamii ganda Laaloo Garee keessatti ammoo namoota lama  luba Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii tokkoo fi dargaggoon tokko waraana faashistii kanaan ajjeefamaniiru. Lubni Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii kun maqaan...